Nations Bible

1 Kings 5

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Solomoon Galma Waaqaa Ijaariisaaf Qopheeffate

1Hiiraam mootiin Xiiroosii Daawiti woliin yennaa mara jaala waan te'eef, akka Solomoon addee abbaa ifiititti mootii te'e yennaa dhage'e, ergantoota ifii gara isaa erge. 2Solomoonille ergaa asii gad jirtu tana Hiiraamitti ergee, 3«Abbaan kiyya Daawiti sababa diinota karaa maraan isatti ka'aneef, haga Mootiin Waan Maraa injifachaa isaaf kennutti, Mootii Waan Maraa Waaqa ifiitiif Galma Waaqaa ijaaruu akka hin dande'in ati hin beetta. 4Amma ammoo Mootiin Waan Maraa Waaqi karaa maraan nageya naaf kenneera; diinni yookiin wonni hantuun hin jirtu. 5Waaqi abbaa kiyya Daawitiin, ‹Ilmi keeti ka ani addee teetitti mootii godhee, barcumaa mootumma'aa irra teessisu, Galma naaf hin ijaara› jedhee dubbateera; tanaaf ani amma Mootii Waan Maraa Waaqa kiyyaaf Galma Waaqaa ijaariisaaf hedeera. 6Maarre nama akka worra Sidoonii muka muruu beeku, akka nuuti hin qanne hin beetta; namoota keetiif mindaa ati jette ani hin kaffala, tajaajiltoota tiyya woliin dhaqanee, Libaanon keessaa hindheensa akka naaf muranu, namoota keeti naaf ergi» jedhe.

7Hiiraam ergaa Solomoonii yennaa dhage'e, guddoo gammadee, «Gosa guddoo tana akka bulchu, Mootiin Waan Maraa ilma qaroo Daawitiif kenne, adha leellifamuu ti!» jedhe. 8Achiin duuba Hiiraam Solomoonitti ergee, «Ergaan teeti na dhaqqaddeerti; muka hindheensaatii fi birbirsaa dhikeessiisaan waan ati barbaadde mara si'iif hin godha. 9Namooti kiyya jigeessota Libaanonii gara abbaaya'aatitti harkisaa gad hin fidan; addee ati barbaadde akka si'iif gewu, wolitti hiisisee abbaayaa irra deensisee si'iif hin erga; achitti ani gargar hiikisiisee, atille hin fudhatta; atille worra mana kiyya keessa jiruuf sagalee dhikeessiisaan fedha kiyya hin guutta» jedhe.

10Maarre Hiiraam akka kanaan muka hindheensaatii fi birbirsaa ka Solomoon barbaade mara dhikeesseef. 11Solomoonille worra mana Hiiraamii keessa jiranuuf qamadii kuntaala kuma diddamaa akkasuma zayitii ejersaa qulqulluu litirii kuma dhibba afurii woggaa wogga'aan kenneef.

12Mootiin Waan Maraa akkuma waadaa galetti Solomooniif qarummaa kenne; Hiiraamii fi Solomoon wodhakkaa nageenni waan jiruuf, isaan lamaanuu wolii galane.

13Mootichi Solomoon lafa Israa'elii mara keessaa, namoota hunnaan hujii hunnaa hujanu kuma soddoma file. 14Adoniiraam itti gaafatamaa namoota hunnaan hujii hunnaa hujanuu godhe; inni kuma kudhan kudhaniin addee saditti isaan qoodee, badoo bado'oon, ji'a tokko Libaanon keessa, ji'a lama mana ifii akka turanu godhe. 15Solomoon ammalle biyya koobittii keessatti worra ba'aa ba'atu kuma torbaatamaa fi worra dhakaa bocu kuma saddeettama qabaayyu. 16Akkasuma toowattoota hujii tanaa namoota kuma sadii fi dhibba sad qabaayyu. 17Isaan ajaja mooticha Solomooniitiin, dhakaa gugurdaa gatii guddo'oo ka hundee Galma Waaqaatiif te'u, qotanee baasanee bocanee fidane. 18Namooti hujii harkaa hujanu ka Solomooniitii fi Hiiraamii, namooti biyya Gebaaliille Galma Waaqaa ijaariisaaf, muka muranee, dhakaa bocanee qopheessane.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

Preparations for the Temple

  • King Hiram of Tyre, a major Phoenician maritime city, maintained friendly relations with David and entered into a formal treaty with Solomon. In exchange for cedar and cypress timber from Lebanon floated down the coast as rafts, Solomon supplied Hiram's household with annual provisions of wheat and pure olive oil.Sources: Hiram · Tyre · the Bible text itself
  • To prepare materials for the temple, Solomon relied on Phoenician craftsmanship, noting the logging skills of the Sidonians. Builders from Tyre and Gebal—an ancient Phoenician coastal city known to the Greeks as Byblos—worked alongside Israelites to quarry large, dressed foundation stones and prepare the timber.Sources: Gebal · the Bible text itself
  • Solomon organized a massive labor force for the project, conscripting 30,000 Israelites who served in Lebanon in rotating shifts of 10,000 per month under the supervisor Adoniram. An additional 70,000 transporters and 80,000 stonecutters labored in the mountains, directed by 3,300 foremen.Sources: Adoniram · the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Tyre · 33.271, 35.196 · verse 1
  • Lebanon · 33.540, 35.584 · verses 6, 9, 14
  • Great Sea · Today: Mediterranean Sea · 31.805, 34.170 · verse 9
  • Gebal · Today: Byblos · 34.119, 35.646 · verse 18

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.