1 Kings 17
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Eliyaas Oolaan Akka Dhufaaru Hime
1Eliyaas ka biyya Giil'aadii keessa Tishibee keessa le'u, mooticha Ahaabiin, «Dhugaa Mootii Waan Maraa Waaqa jiraataa Israa'elii ka ani tajaajiluu, jecha kiyyaan malee, woggoota dhufanu keessa fixeensi lafa irratti hin dhaggamu yookiin bokkeenni hin roobu» jedhe.
2Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Eliyaasii dhufee, 3«Addee tanaa ka'ii karaa aduun baatu dhaqiitii, dhooqa Keriitii ka Yordaanos irraa karaa aduun baatu jirutti dhokadhu. 4Dhooqa san keessaa bisaan hin unta; achitti sagaleelle akka sii fidu harraaqessa ajajeera» jedhe.
5Maarre Eliyaas akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajaje, gara dhooqa Keriitii ka laga Yordaanosii irraa karaa aduun baatu jiru dhaqee achi ture. 6Harraaqessi daabbo'oo fi foon ganamaa fi galgala isaaf fidaayyu; inni bisaanille laga san keessaa unaayyu. 7Bokkeenni lafa irraa waan dhabameef, yennaa diqqo'oon duuba lagi sun goge.
Eliyaasii Fi Haadha Hiyyeessaa Ta Qachaa Saraaphta'aa
8Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Eliyaasii dhufee, 9«Ka'ii, gara qachaa Saraaphta'aa ka biyya Sidoonii keessa jiruu dhaqii achi le'i. Haati hiyyeessaa ta achi leetu takka, akka sii areertu ani ajajeera» jedhe. 10Maarre Eliyaas gara qachaa Saraaphta'aa dhaqee, karra qacha'aa bira yennaa geye, haadha hiyyeessaa ta haasumee qocattu takka dhaggee, isii waamee, «Maganne'e bisaan unu naa fidi» jedheen. 11Isiin bisaan isaaf fidiisaaf dhaqiisatti adoo jirtuu, inni isii waamee, «Maganne'e daabboo diqqoo isi'iille naa fidi» jedhe.
12Isiin deebittee, «Dhugaa Mootii Waan Maraa Waaqa jiraata'aa, ani bullaa ooboo tokko ta okkotee keessa jirtuu fi zayitii ejersaa cingoo okkotee keessa jirtu malee, daabboo ijjumaa hin qabu. Ani haasumee qocadhee gara mana kiyyaa deebi'ee, ifii fi mucaa kiyyaaf sagalee bilcheessiisaaf as dhufe; achiin duuba beelaan duuna» jetteen.
13Eliyaas isi'iin, «Hin sodaatin; gara manaa dhaqiitii akkuma jette godhi; dursiitii bullaa diqqoo qaddu san irraa, bixee diqqoo bilcheesiitii naa fidi; achiin duuba ifii fi ilma keetiif bilcheessi. 14Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Haga ani lafa irratti bokkeya roobisiisutti, bullaan okkotee keessaa, zayitiin ejersaalle okkotee keessaa hin dhumattu› jedha» jedhe.
15Isiin dhaxxee akkuma Eliyaas jedhe goote; maarre isi'ii fi maatiin isi'ii, Eliyaasille sagalee guyyaa hedduu isaaniif geettu dhaggatane. 16Waaqi karaa Eliyaasiitiin akkuma waadaa gale, bullaan okkotee keessaa, zayitiin ejersaalle okkotee keessaa hin dhumanne.
17Guyyaa diqqa'aan duuba ilmi haadha hiyyeessa sun dhibame; dhibeen waan itti hammaatteef dhuma irratti du'e. 18Isiin Eliyaasiin, «Ee nama Waaqaa ani maan si godhe? Ati cubbuu tiyya Waaqa qaabachiittee, ilma kiyya ijjeesiisaaf as dhuttee?» jettee gaafatte.
19Eliyaas deebisee, «Ilma keeti natti kenni» jedhee harka isi'ii irraa fuudhee, gara mana mana irratti ijaarramee geessee, taqee ifii irratti irkise. 20Achiin duuba Eliyaas qoonqoo guddo'oon, «Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya, haadha hiyyeessaa ta ani bira turu tana, ilmi isi'ii akka du'u godhiisaan, waan hantuu akkasii maaf isii irratti fidde?» jedhee gara Mootii Waan Maraa iyye. 21Achiin duuba inni ilma san irratti yennaa sad itti gombifamee, «Ee, Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya, maganne'e lubbuun mucaa kanaa akka itti deebitu godhi» jedhee gara Mootii Waan Maraa iyye. 22Mootiin Waan Maraa iyya Eliyaasii dhage'ee, mucaalle lubbuun itti deebitee fayye.
23Eliyaas mana mana irratti ijaarame irraa mucaa gad buusee, «Kunoo, mucaa keeti lubbuun itti deebiteerti» jedhee haadha isaatitti isa kenne.
24Achiin duuba isiin, Eliyaasiin, «Ati nama Waaqaa akka teetee fi jechi Mootii Waan Maraa ka ati dubbatte dhugaa akka te'e beekeera» jetteen.
Did you know?
Elijah and the Drought
- The name Cherith refers to a gorge or seasonal winter stream. This ravine, situated east of the Jordan River, provided a secluded refuge for Elijah after he delivered his message of drought to King Ahab.Sources: the Bible text itself · Cherith · Elijah
- Zarephath, a name associated with a workshop for refining or smelting metals, was a Phoenician settlement situated between Tyre and Sidon, later known as Sarepta in the New Testament. Elijah found shelter there with a destitute widow during the severe famine.Sources: the Bible text itself · Zarephath · Sidon
- Elijah is designated as a Tishbite from among the settlers of Gilead, a mountainous territory east of the Jordan River. Scholars note that this designation may point to a hometown named Tishbe, or it could be rendered to mean a stranger or settler residing there.Sources: the Bible text itself · Tishbe · Gilead
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Gilead · Today: Gilead 1 · 32.187, 35.692 · verse 1
- Jordan · Today: Jordan River · 31.761, 35.558 · verses 3, 5
- Sidon · Today: Sandikli archaeological site in Sidon · 33.561, 35.372 · verse 9
- Zarephath · Today: Sarepta · 33.464, 35.295 · verses 9, 10
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org