1 Kings 11
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Mootichi Solomoon Waaqa Irraa Fagaataa Deeme
1Mootichi Solomoon dubartoota biyya ormaa hedduu jaalate; inni intala mooticha Gibxi'ii maleelle, durra worra Mo'aabii, durra worra Amoonii, durra worra Edoomii, durra worra Sidooniitii fi Heetii fuudhe. 2Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'eliitiin, «Durra gosa biyya adda addaa yoo fuutane, isaan dhugumaan gadhaa keessan gara waaqota ifii waan deebisanuuf, durra teessan ilmaan isaanii hin heerumsiisina'a; ilmaan teessanille durra isaanii hin fuusisina'a» jedhee itti seereeraayyu; Solomoon ammoo, guddoo isaan jaalate. 3Solomoon durra maatii moototaa keessaa niitota dhibba torbaa fi gursumeeyyii dhibba sad qabaayyu; isaan akka inni Waaqa irraa fagaatu godhane. 4Yennaa inni dulloome, niitoti isaa akka inni waaqota dhibii waaqonfatu godhane; Solomoon akka abbaa ifii Daawitii, Mootii Waan Maraa Waaqa ifii gadhaa tokkochaan hin waaqonfanne. 5Inni waaqa dharaa diqachiisaa worra Sidoonii ta, «Ashitaaroti» jedhantuu fi waaqa dharaa ka worra Amoonotaa ka, «Moleek» jedhamu waaqonfate. 6Solomoon fuula Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje malee, akka abbaa ifii Daawitii, addatamumma'aan Mootii Waan Maraa hin hordonne. 7Inni waaqa dharaa jibbisiisaa worra Mo'aabii ka, «Kemoshi» jedhamuu fi waaqa dharaa jibbisiisaa worra Amoonotaa ka, «Moleek» jedhamuuf, addee waaqonfanna'aa gaara qachaa Yerusaalemii irraa, gara aduun baatu jiru irratti ijaarsise. 8Inni niitota ifii ta waaqota ifiitiif hixaana aarsituu fi ciincaa dhikeessitu, ta biyya ormaatii fuudhe maraafille akkasuma huje.
9Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii, ka yennaa lama isatti mudhate irraa waan fagaateef, Mootiin Waan Maraa Solomoonitti aare. 10Solomoon waaqota dhibii akka hin waaqonfanne, Mootiin Waan Maraa isa ajajeeraayyu; inni ammoo waan Mootiin Waan Maraa isa ajaje hin eeganne. 11Tanaaf Mootiin Waan Maraa Solomooniin, «Eega tana gootee, gondooroo na woliin gondoorattee fi seerata kiyya ka ani si ajaje eegatuu eega dhadde, mootummaa teeti si irraa fuudhee, tajaajiltoota teeti keessaa nama tokkoof hin kenna. 12Te'uu malee, ani bara ilma keetii keessa mootummaa teeti isa irraa fuudha malee, abbaa keeti Daawitiif jedhee, bara jiruu teetii keessa tana hin godhu. 13Tajaajilaa kiyya Daawitii fi qachaa Yerusaalemii ka filadheef jedhee, gosa tokko ilma keetiif hin kenna malee, mootummaa san guutumatti ilma keeti irraa hin fudhadhu» jedhe.
Diinota Solomoonii
14Achiin duuba Mootiin Waan Maraa maatii mootota Edoomii keessaa diina, «Hadaad» jedhamu tokko, Solomoon irratti kaase. 15Daawiti worra Edoomii lolee biyya isaanii yennaa qabate, ajajaan loltoota isaa Yo'aab, Israa'eloota du'ane awwaaliisaaf ol bayee, dhiira Edoom keessa jirtu mara ijjeese. 16Yo'aabii fi Israa'elooti marti, dhiira Edoom keessa jirtu mara ijjeesanee haga fixanutti ji'a jaa achi turane. 17Bara san Hadaad ilma diqqa'a; inni tajaajiltoota abbaa ifii gamisa woliin, gara biyya Gibxi'ii baqate. 18Isaan biyya Miidiyaanii irraa ka'anee, biyya gara biyya Phaara'aa dhaqane; achiin duuba biyya Phaara'aa keessaa namoota fudhatanee, gara Fara'oonii mooticha Gibxi'ii dhaqane; mootichille mana, sagale'ee fi lafa Hadaadiif kenne. 19Hadaad fuula mootichaa duratti fudhatama waan dhaggateef, mootichi obboleettii niitii ifii, «Taahafenes» ta jedhantu isa heerumsiise. 20Isiin Hadaadiif ilma, «Genubaat» jedhamu deette; Taahafenes mana mooticha Gibxi'iititti isa gudditte; innille ijoollee mootichaa woliin le'e.
21Hadaad adoo biyya Gibxi'ii jiruu, mootichi Daawiti akka du'e, ajajaan loltoota isaa Yo'aabille akka du'e yennaa dhage'e, mooticha Gibxi'iitiin, «Gara biyya tiyyaa akka deebi'u, naaf eeyyam» jedhee gaafate.
22Mootichi Gibxi'ii ammoo, «Na biraa maan dhaddee, gara biyya teetii deebi'uu barbaadda?» jedhee isa gaafate?
Hadaad deebisee mootichaan, «Womaa hin dhanne; ammoo deemuu barbaada, gara biyya tiyyaa akka deemu naaf eeyyam» jedhe.
23Ammalle Mootiin Waan Maraa diina dhibii ilma Eliyaada'aa Rezon, ka goottaa ifii Hadaad-Ezer mooticha Zoba'aa jalaa baqate, Solomoon irratti kaase. 24Yennaa Daawiti loltoota Zoba'aa fixe, Rezon namoota wolitti qabatee, sooressaa finqiltootaa te'e; inni namoota ifii woliin Damaasqoo dhaqee qubate; isaanille achitti mootii isa godhatane. 25Rezon rakkoo Hadaad Israa'el irratti fide irratti dabalee, bara Solomoonii mara diina Israa'elii te'e; maarre Rezon Sooriyaa irratti mootii te'ee, Israa'el jibbe.
Yerobi'aam Solomoon Irratti Finqila Kaase
26Ilmi Nebaatii Yerobi'aamille, Solomoon irratti finqila kaase; inni tajaajiltoota Solomoonii keessaa tokko ka te'e, sanyii Efreem keessaa, nama qachaa Zeredaarii ti; maqaan haadha isaa Zeruwa'a. Isiin haadha hiyyeessaa ti. 27Solomoon kaabii, «Miiloo» jedhantu guutee, dalleya qachaa abbaa ifii Daawitii ka caccabe, deebisee waan ijaarsiseef, Yerobi'aam mooticha Solomoon irratti, finqila kaase. 28Yerobi'aam nama dandeettii guddoo qabu; dargaggeessi kun hujii akka dansaa akka huju, Solomoon yennaa dhagge, gosa Yoseefii keessaa worra hunnaan hujii hunnaa hujanu irratti itti gaafatamaa godhe. 29Gaafa tokko Yerobi'aam, qachaa Yerusaalemii keessaa bayee adoo deemuu, nami qachaa Shiilo'oo raagichi Ahiiyaan, ka woyaa haareya uffateeru, karaa irratti isa dhagge; isaan lamaanuu qacha'aan ala qofi adoo jiranuu, 30Ahiiyaan woyaa haareya uffateeru san ifi irraa fuudhee, addee kudhanii lamatti gargar cicciree, 31Yerobi'aamiin, «Ati citaa kudhan ifiif fudhadhu; sababille Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Ani mootummaa Solomoon irraa fuudhee, cicciree gosa kudhan si'iif hin kenna; 32tajaajilaa kiyya Daawitii fi qachaa Yerusaalemii, ka ani qachootaa gosa Israa'elii mara keessaa filadheef jedhee, gosa tokko Solomooniif hin hambura. 33Inni na lakkisee, waaqa dharaa ta worra Sidoonii Ashitaaroti, waaqa dharaa ka worra Mo'aabii Kemoshii fi waaqa dharaa ka worra Amoonotaa Moleek waan waaqonfateef, ani tana hin godha; inni akka Daawitii abbaa ifii karaa kiyya irra hin ideenne; fuula kiyya duratti waan sirrii te'e hin hunye; seerataa fi ajaja kiyya hin eeganne. 34Te'uu malee tajaajilaa kiyya ka ani filadhe, ka ajajaa fi seerata kiyya eegate Daawitiif jedhee, guutumatti Solomoon irraa mootummaa hin fuudhu; bara jiruu ifii mara akka inni bulchu hin godha. 35Ammoo ilma Solomoonii irraa mootummaa fuudhee, gosa kudhan si'iif hin kenna. 36Te'uu malee, maqaan kiyya akka ittiin waamamuuf qachaa filadhe Yerusaalem keessatti, sanyii tajaajilaa kiyya Daawitii keessaa, nami tokko yennaa mara barcumaa mootummaa isaa irraa, fuula kiyya duraa akka hin dhabanneef, ani ilma isaatiif gosa tokko hin kenna. 37Ani fuudhee, mootii Israa'elii si hin godha; kutaa biyya jaalattee mara hin bulchita. 38Akkuma tajaajilaan kiyya Daawiti godhe, atille waan ani si ajaje mara yoo goote, karaa kiyya irra yoo ideente, seerataa fi ajaja kiyya eegattee, waan sirrii te'e fuula kiyya duratti yoo goote, ani si woliin hin jiraadha; akkuma mootummaa Daawitii jabeesse, mootummaa sanyii teetille hin jabeessa; Israa'elille si'iif hin kenna. 39Sababa cubbuu Solomooniitiif sanyii Daawitii hin adaba; ammoo haga bara baraatii moti› jedha» jedhe.
40Tanaaf Solomoon Yerobi'aam ijjeesiisaaf wodhaane; Yerobi'aam ammoo gara mooticha biyya Gibxi'ii Shiishaaqii baqatee, haga Solomoon du'utti achi ture.
Du'a Solomoonii
41Wonni dhibiin ta Solomoon bara mootummaa ifii huje, qarummaan isaa martinuu, kitaabaa dabarsii Solomoonii keessatti barreeffanteerti. 42Solomoon Yerusaalem keessa tee'ee woggaa afurtama, kolbaa Israa'elii mara irratti mootii te'e. 43Achiin duuba Solomoon du'ee, qachaa Daawitii abbaa ifii keessatti awwaalame; ilmi isaa Rehobiyaam addee abbaa ifii Solomooniititti mootii te'e.

Did you know?
Solomon's Downfall and the Prophecy of Division
- Solomon took foreign wives from surrounding nations, who turned his heart toward other gods. On a hill east of Jerusalem, he built shrines for deities such as Ashtoreth of the Sidonians, Chemosh of Moab, and Milcom of the Ammonites.Sources: the Bible text itself · Ashtoreth · Chemosh · Milcom
- When David and his commander Joab conquered Edom, the young Edomite prince Hadad escaped through Midian and Paran to Egypt. There, Pharaoh welcomed him, gave him land and provisions, and arranged his marriage to the sister of Queen Tahpenes.Sources: the Bible text itself · Hadad · Joab
- As a sign that God would tear the kingdom from Solomon's line, the prophet Ahijah met Jeroboam on a road outside Jerusalem, tore his new cloak into twelve pieces, and gave ten pieces to Jeroboam to represent ten tribes.Sources: the Bible text itself · Jeroboam
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Ammon · 31.955, 35.934 · verses 1, 7, 33
- Edom · 30.746, 35.604 · verses 1, 14, 15, 16
- Moab · Today: Moab 1 · 31.181, 35.701 · verses 1, 7, 33
- Sidon · Today: Sandikli archaeological site in Sidon · 33.561, 35.372 · verse 1
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 7, 13, 29, 32, 36, 42
- Mount of Olives · 31.778, 35.246 · verse 7
- Egypt · 30.129, 31.308 · verses 17, 18, 21, 40
- Midian · 28.495, 35.012 · verse 18
- Paran · 30.303, 34.777 · verse 18
- Zobah · 33.935, 36.151 · verses 23, 24
- Damascus · 33.511, 36.306 · verse 24
- Syria · Today: Aram · 33.511, 36.306 · verse 25
- City of David · 31.774, 35.236 · verses 27, 43
- Shiloh · Today: Khirbet Seilun · 32.056, 35.290 · verse 29
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org