Nations Bible

1 Corinthians 16

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Qarqaarsa Kolbaa Waaqaatiif Guurame

1Amma marroo qarqaarsa kolbaa Waaqaa ilaalchisee, waan ani wolde'a kiristaana Galaatiya'aatii hime, isinille godha'a. 2Ani yennaa dhufu beesee akka hin guurre, torbaan torbaaniinuu guyyaa dilbataa nami tokko tokkonuu, haguma galii ifiititti baasii addaan baasee keyuu ti. 3Ani yennaa dhufu, worra isin filattaneef xalayaa geegessa'aa kennee, kennansa isin kennitane gara Yerusaalemii akka geessanuuf hin erga. 4Akka ani dhaquuf barbaachisaa yoo teete ammoo, isaan na woliin hin dhaqan.

Karoora Phawuloosii

5Ani karaa Meqedooniya'aatiin dhaqiisaaf waan hedeef, biyya Meqedooniya'aa keessa tareen duuba, gara keessan hin dhufa. 6Qarqaarsa addee ani dhaqu maraaf naa te'u akka naaf gootanu, ani isin bira hin tura fa'a te'a. Ani ganna guutuulle isin bira turuu dande'a fa'a. 7Amma yennaa taru isin dubbisuu hin barbaadu; yoo Goottaan jedhe, yennaa diqqoo dheertuu isin bira akka turu hin addadha.

8Haga guyyaa jila Phenxeqosxe'eetitti ammoo, qachaa Efesoonii keessa hin tura. 9Balbalti badhoon bu'aa qabeettiin naaf bananteerti. Worri ana mormu ammoo heddu'u.

10Ximootewoos gara keessan yennaa dhufe, akka inni sodaa malee isin woliin tee'u akka gootanu hubadha'a; sababille inni akkuma kiyya hujii Gootta'aa hujaara. 11Nami tokkolle isa hin tuffatin; ammoo akka inni nageyaan gara kiyya deebi'u isa gargaara'a. Deebi'iisa isaa obboleeyyan woliin eegiisatti jirra.

12Marroo obboleessa keenna Apholoosiille, akka inni obboleeyyan dhibii woliin dhufee isin ilaaluuf, guddoo isa magannifadhe. Inni ammoo amma dhufiisa hin barbaadu; te'uu malee yoo itti tolte hin dhufa.

Gorsaa Fi Nageya Muumme'ee

13Dammaqa'a; dhugeeffanna'aan jabaadha'aa dhaabbadha'a; jajjabaadha'aa, jabaadha'a. 14Waan hujjanu mara jaalalaan huja'a.

15Obboleeyyan tiyya! Isxifaanosii fi maatiin isaa lafa Akaayya'aa keessatti kiristaana jalqabaa akka te'anee fi dhugeeffattoota tajaajiliisaaf akka ifi kennane hin beettan. 16Namoota akkasiitii fi worra isaan woliin hujaa dadhabanuuf akka ajajantanuuf isin kadhadha'a.

17Dhutti Isxifaanosii, Fortunaaxosiitii fi Akaayqosisii guddoo na gammachiitteerti. Sababille waan isin na woliin as hin jiraatiniif, waan na irraa dhidhate naa guutaneeran. 18Isaan gadhaa kiyyaa fi keessan gabbi tolchaneeran. Worra akkasii kana yaadadha'a.

19Wolde'ooti kiristaanaa ka Asiyaa keessa jiranu nageya isiniif dhaaman; Aqiila'aa fi Phirsikaan, wolde'a kiristaanaa ka mana isaaniititti wolitti qabamu woliin maqaa Gootta'aatiin nageya isinii dhaaman. 20Dhugeeffattooti asi jiranu duudiin nageya isinii dhaaman.

Sunqata woyyichaan nageya wol fuudha'a.

21Nageya kana ani Phawuloos harkuma kiyyaan isinii barreesse.

22Ka Goottaa hin jaalanne yoo jiraate, ka abaarame te'uu ti! Goottaa keenna koottu!

23Badhaadhi Goottaa keenna Yesuusii isin woliin jiraatu.

24Jaalalli kiyya karaa Kiristoos Yesuusiitiin isin duudii woliin jiraatu. Ameen.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

The collection, the journey, and closing greetings

  • Paul tells the Corinthians to lay aside a portion of their income on the first day of every week for the saints, as he had directed the churches of Galatia, so that no collection would be needed when he came. Galatia, in Asia Minor, was home to people of Celtic origin whom Roman writers called Gauls. The gift was to go to Jerusalem with messengers the church recommended, while Paul would arrive only after passing through Macedonia, a Roman province north of Greece, and might spend the winter with them.Sources: the Bible text itself
  • Paul says he will remain in Ephesus until Pentecost, because a great door for effective work has opened to him even though many oppose him. The churches of the province of Asia send greetings; that Asia was proconsular Asia, a Roman province in western Asia Minor, and Ephesus was its capital. Aquila, a tent-maker from Pontus, and his wife Priscilla—called Prisca in this greeting—had accompanied Paul from Corinth to Ephesus and remained there, and the church that meets in their house greets the Corinthians as well.Sources: the Bible text itself
  • Stephanas and his household were the first converts in Achaia—the Roman province covering the Peloponnesus and southern Greece—and had devoted themselves to the service of the saints. Easton's Bible Dictionary (1897) says that Achaicus, together with Fortunatus and Stephanas, visited Paul at Ephesus to consult him about the church's affairs, and that the three probably brought the Corinthians' letter to the apostle. The same dictionary places Apollos with Paul at Ephesus when this letter was written; Paul strongly urged him to go to Corinth with the brothers, but he was unwilling to go then and would come when he had an opportunity.Sources: the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Galatia · 39.267, 32.983 · verse 1
  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 1, 3
  • Macedonia · 41.600, 22.540 · verse 5
  • Ephesus · 37.939, 27.341 · verse 8
  • Achaia · 38.720, 22.540 · verse 15
  • Asia · 38.400, 28.300 · verse 19

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.