1 Chronicles 23
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Lewwoota
1Daawiti bara hedduu le'ee yennaa dulloome, ilma ifii Solomoon Israa'el irratti mootii godhe. 2Inni sooressitoota Israa'elii mara, hayyootaa fi Lewwoota wolitti qabee, 3dhiira Lewwootaa ta woggaa soddomaa olii laakkossiisee, wolumatti laakkossi isaanii kuma soddomii saddeeti te'e. 4Daawiti, «Isaan san keessaa namooti kum diddamii afur hujii Galma Mootii Waan Maraa hujisiisanu ti; namooti kum jaa qondaaltotaa fi abbootii mura'aa te'anu ti; 5namooti kum afur karra eeganuu ti; namooti kum afur meya ani akka ittiin leellifatanuuf qopheesseen Mootii Waan Maraa leellifatanuu ti» jedhe.
6Daawiti Lewwoota akka ilmaan Lewwi'ii Gershoo, Qehaatii fi Meraariititti, addee saditti gargar hire.
7Gershoon ilmaan lama La'adaanii fi Shime'ii qabaayyu. 8Ilmaan La'adaanii sadiin angafichi Yehii'el, Zetaamii fi Yo'el. 9Ilmaan Shime'ii sadiin Shelomoot, Hazii'elii fi Kaaraan; isaan sooreyyii maatii La'adaanii ti. 10Ilmaan Shime'ii arfan Yaahaat, Ziinaa, Ye'ushii fi Berii'a. 11Yaahaat angaficha, Ziinaan ka isatti aanu. Ye'ushii fi Berii'a ammoo, ijoollee hedduu waan hin qanneef akka maatii tokkootitti laakkowamane.
12Ilmaan Qehaatii afur: Amraam, Yizhaar, Kebroonii fi Uzii'el. 13Ilmaan Amraamii: Aaronii fi Muuse'e. Aaronii fi sanyiin isaa waan irra caalaa woyyuu te'e eegiisaaf, Mootii Waan Maraatiif ciincaa dhikeessiisaaf, isa tajaajiliisaaf, maqaa isaatiin namoota haga bara baraa eebbisiisaaf adda baafamane. 14Ilmaan Muusee nama Waaqaa, akka gosa Lewwi'iititti laakkowamane. 15Ilmaan Muuse'ee Gershoomii fi Elii'ezer. 16Ilmaan Gershoomii keessaa angafichi Shebu'el. 17Ilmi Elii'ezerii angafichi Rehaabiya'a; Elii'ezer ilmaan dhibii hin qabu; Rehaabiyaan ammoo ilmaan hedduu qaba.
18Ilmaan Yizhaarii keessaa angafichi Shelomiit. 19Ilmaan Kebroonii: Angafichi Yeriiya'a; lammeessoon Amaariya'a; sadeessoon Yahaazi'el; arfeessoon Yeqaamii'aam. 20Ilmaan Uzii'elii: angafichi Miika'a; lammeessoon Yishiiya'a.
21Ilmaan Meraarii: Maahilii fi Mushi. Ilmaan Maahilii: Ele'azaarii fi Qiish. 22Ele'azaar durra malee ilmaan adoo hin uumatin du'e; durra san ilmaan Qiishii ta obboleessa isaatittuu fuudhe. 23Ilmaan Mushii sadiin: Maahil, Ederii fi Yeremoot.
24Isaan kun marti gosa Lewwi'ii worra akka maatii maatii isaaniititti, akka sooressitoota maati'ii te'anee adduma addaan barreeffamane; isaan keessaa nami woggaa diddamaa yookiin woggaa diddamaa olii hujii Galma Mootii Waan Maraa keessatti hujamu keessaa worra qooda qabaate.
25Daawiti, «Mootiin Waan Maraa, Waaqi Israa'elii kolbaa ifiitiif foora kenneera; inni haga bara baraa Yerusaalem keessa le'a. 26Lewwooti haganaa achi Dunkaanii Woyyittii yookiin meya achi keessatti tajaajila kennu ba'atuu hin barbaachisu» jedhe. 27Akkuma Daawiti muummee irratti dubbate, ilmaan Lewwootaa ta woggaa diddamaa yookiin woggaa diddamaan olii laakkowamane.
28Hujiin Lewwootaa badhinna Galma Mootii Waan Maraatii fi kolloo Galma Mootii Waan Maraa eegaa, meya woyyicha mara qulqulleessiisa, sanyii Aaronii ta Galma Mootii Waan Maraa keessa tajaajiltu qarqaariisa. 29Ammalle hujiin isaanii daabboo Waaqaaf woyyoontu, bullaa kennansa midhaanii, daabboo uukoo hin qannelle zayiti'iin sukkuumiisaa fi bilcheessiisaan, kennansa zayiti'iin wolitti makiisaan, safariisaa fi mikiisaan qarqaariisa. 30Isaan ammalle ganama maraa fi galgala mara dhaabbatanee Mootii Waan Maraa galateeffataa, leellifataa, 31guyyaa Sanbataa mara, baatii ji'aatitti, guyyaa jila beekkamaneetitti, yennaa kennansi gubamu Mootii Waan Maraatiif dhikaatu, akkuma ajajamane laakkossi isaanii adoo hin dhidhatin yennaa mara Mootii Waan Maraa duratti tajaajilaaraniiyyu. 32Akkasitti Lewwooti Dunkaanii Woldeenna'aatii fi Galma Mootii Waan Maraa san keessa waan hujiisaaf itti gaafatamanu muummessan. Isaan hujii firri isaanii ilmaan Aaronii Galma Mootii Waan Maraa keessatti hujanu qarqaarane.

Did you know?
David Organizes the Levites
- A census counted 38,000 Levites aged thirty and above in Israel. David organized them into distinct roles: 24,000 to oversee the sanctuary's work, 6,000 as officials and judges, 4,000 as gatekeepers, and 4,000 as musicians praising the LORD with specially made instruments.Sources: the Bible text itself
- Because God had granted rest and chosen Jerusalem as a permanent dwelling place, the Levites no longer needed to transport the tabernacle and its furnishings. David therefore updated their duties to assisting Aaron's priestly line with temple offerings, maintenance, and daily morning and evening praise, lowering the entry age to twenty.Sources: the Bible text itself · Jerusalem
- Although both Aaron and Moses were sons of Amram from the lineage of Kohath, their descendants held different roles. Aaron and his descendants were set apart perpetually for the priesthood to burn incense and bless in the LORD's name, while the sons of Moses were counted among the general Levite clans.Sources: the Bible text itself · Aaron · Moses
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 25
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org