1 Chronicles 2
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Ilmaan Israa'elii
1Ilmaan Yaaqoobii ka «Israa'el» jedhamee, ka asii gad jiranu: Ruuben, Shimi'oon, Lewwii, Yihudaa, Yisaakor, Zebuloon, 2Daan, Yoseef, Beniyaamin, Niftaalem, Gaadii fi Asheer.
Yihudaa
3Ilmaan Yihuda'aa: Eer, Onaanii fi Shela'a. Isaan sadiin kana, dubartii biyya Kana'aanii ta, «Baat-Shuwaa» jedhantu irraa uumate; ilmi Yihuda'aa angafichi Eer Mootii Waan Maraa duratti nama hamaa waan te'eef, Mootiin Waan Maraa isa ijjeese. 4Taamaar haati manaa ta ilma isaa ammoo Faaresii fi Zaaraa isaaf deette; Yihudaan wolumatti ilmaan shan qabaayyu. 5Ilmaan Faaresii: Hezronii fi Hamul. 6Ilmaan Zaara'aa: Ziimri, Etaan, Hemaan, Kalkoolii fi Darda'a. Isaan wolumatti nama shan. 7Ilmi Karmii: Akaan ka waan ijjumaa balleeffamu'uu male hatee fudhatiisaan, Israa'el irratti rakkinna fide.
8Ilmi Etaaniille Azaariya'a.
Hidda Dhaloota Maatii Mooticha Daawitii
9Ilmaan Hezron uumate: Yeraami'el, Raamii fi Kaaleb. 10Raam Aminaadaab uumate; Aminaadaabille sooressa kolbaa Yihuda'aa Nahasoon uumate. 11Nahasoon Salmoon uumate: Salmoon Bo'az uumate. 12Bo'az Obed uumate; Obed Isey uumate.
13Isey ilmaan torba uumate; angafichi Eliiyaab, ka lammeesso'oo Abinaadaab, ka sadeesso'oo Shimi'aa, 14ka arfeesso'oo Nataani'el, ka shaneesso'oo Raadaayi, 15ka jayeesso'oo Ozeem, ka torbeesso'oo Daawiti. 16Obboleeyyan isaanii ta durraa Zeruya'aa fi Abigaayil.
Ilmaan Zeruya'aa sadiin: Abiishaayi, Yo'aabii fi Asaa'el. 17Abigaayil Amaasaa deette; abbaan isaa «Yeter» ka jedhamu nama sanyii Ishimaa'elii ti.
Sanyii Kaalebii Ilma Hezronii
18Ilmi Hezronii Kaaleb haadha manaa ifii Azuba'aa fi Yerii'ot irraa ilmaan uumate; ilmaan Azubaan isaaf deette: Yesher, Shobaabii fi Ardoon. 19Azubaan duuteen duuba, Kaaleb Efraat fuudhe; isiin ilma maqaan isaa, «Huur» jedhame isaaf deette. 20Huur, Ur uumate; Ur, Bazaali'el uumate.
21Achiin duuba Hezron yennaa woggaa jaatama guute, intala Maakiirii abbaa Giil'aadii fuudhee, isiin ilma maqaan isaa, «Seguub» jedhame isaaf deette. 22Seguubille Yaa'iir uumate; Yaa'iir lafa Giil'aadii keessaa qachoota diddamii sad qabaayyu. 23Geshuurii fi Aaram ammoo Hawoot-Yaa'iir, Qenaatii fi olloota adaala isi'ii woliin qachoota jaatama irraa fudhatane. Isaan kun martinuu ka sanyii Maakiirii abbaa Giil'aadii ti. 24Hezron Kaaleb-Efraata'atti du'een duuba, haati manaa isaa Abiiyaan ilma isaa Ashuur abbaa biyya Teqo'aa isaaf deette.
Sanyii Yeraami'elii Ilma Hezronii
25Ilmi angafichi Hezronii Yeraami'el ilmaan jaa qabaayyu; ilmi isaa angafichi Raam; ka isatti aananu Bunaa, Oreen, Ozeemii fi Ahiiya'a. 26Yeraami'el haadha manaa dhibii ta, «Ataaraa» jedhantu qabaayyu; isiin haadha Onaamii ti. 27Ilmaan Raamii ka ilma angaficha Yeraami'elii: Maa'aaz, Yaamiinii fi Eker. 28Ilmaan Onaamii: Shaamaayii fi Yaada'a. Ilmaan Shaamaayii: Naadaabii fi Abiishur. 29Maqaan haadha manaa Abiishurii Abiihaayil. Isiin Ahibaanii fi Moliid isaaf deette. 30Ilmaan Naadaabii: Seleedii fi Aphaayim. Seleed ijoollee adoo hin uumatin du'e. 31Aphaayim Yishii uumate. Yishiin Sheshaanin uumate. Sheshaan Ahilaayin uumate. 32Ilmaan Yaadaa obboleessa Shaamaayii: Yeterii fi Yonaataan. Yeter ijoollee adoo hin uumatin du'e. 33Ilmaan Yonaataanii: Pheletii fi Zaaza'a. Isaan kun sanyii Yeraami'elii ti.
34Sheshaan ijoollee durraa qofa qaba malee, ilmaan hin qabu; garuu nama biyya Gibxi'ii ka maqaan isaa, «Yarhaa» jedhamu garbicha tokko qabaayyu. 35Maarre Sheshaan intala ifii garbicha ifii Yarhaa heerumsiise; isiin Ataayin isaaf deette. 36Aataayi, Naataan uumate. Naataan Zaabaad uumate. 37Zaabaad, Eflaali uumate. Eflaal, Obed uumate. 38Obed, Yehuu uumate. Yehuun, Azaariyaa uumate. 39Azaariyaan, Helez uumate. Helez, El'aasaa uumate. 40El'aasaan, Siismaay uumate. Siismaay, Shaalum uumate. 41Shaalum, Yeqaamiyaa uumate. Yeqaamiyaan, Eliishaamaa uumate.
Sanyii Kaalebii Ta Dhibii
42Ilma angaficha Kaalebii, obboleessa Yeraami'elii, maqaan isaa Mesha'a. Meshaan, Ziif uumate. Ziif, Mareshaa uumate. Mareshaan, Kebroon uumate. 43Ilmaan Kebroonii: Qoraahi, Taaphuwaa, Reqemii fi Shema'a. 44Shemaan, Raaham uumate. Raaham, Yorqe'aam uumate. Reqem, Shaamaay uumate. 45Shaamaay, Maa'on uumate. Maa'on, Betzuur uumate.
46Kaaleb gursumeettii, «Efaa» jedhantu takka qabaayyu. Isiin Haaraan, Moza'aa fi Gaazez isaaf deette. Haaraanille ilma, «Gaazez» jedhamu uumate.
47Ilmaan Yaahidaayii: Regem, Yotaam, Geshaan, Phelet, Efa'aa fi Sha'aaf. 48Gursumeettiin Kaalebii ta dhibiin ta «Ma'aan» jedhantu: Sheberii fi Tirhaanaa isaaf deette. 49Isiin dhuma irratti ilmaan lama: Abbaa qachaa Madmaanaatii Sha'aaf fi abbaa qachaa Makbenaatii fi Giibe'aa Shewaa isaaf deette. Kaaleb intala, «Aksaa» jedhantulle qabaayyu. 50Isaan kun sanyiin Kaalebii ti.
Kaaleb haadha manaa ifii Efraataa irraa ilma isi'ii angaficha Huur uumate. Ilmaan Huurii keessaa Shobaal, Kiriiyat-Ya'ariim uumate. 51Salmoon, Betlihem uumate; Haareef, Betgaader uumate. 52Sanyiin Shobaalii abbaa Kiriiyat-Ya'ariimii: Haro'ehiti, gamisa gosa Menuhoototaa ti 53Gosi Kiriiyat-Ya'ariimii keessa leetu: Yetroota, Phutoota, Shumaatotaa fi Miishirota; Zoraatotaa fi Eshtaaloti gosuma worra kanaa ti.
54Sanyiin Salma'aa: Betlihem, Netofaatota, Atrot-Bet-Yo'aab, gamisa gosa Maanaheetotaa, Zoraatotaa, 55gosa barreessitootaa worra qachaa Yaabezii keessa le'u: Tiraasitoota, Shime'aatotaa fi Sukaatota; isaan kun Qenoota worra Hemaatii ka gosa Rekaabii ti.

Did you know?
The Genealogy of Judah and the Royal Line
- The lineage in this chapter traces the descent of Judah through Perez and Hezron to Ram, culminating in David, the seventh son of Jesse. This line highlights significant ancestors, including Nahshon, a leader of the tribe during the wilderness journey, and Boaz of Bethlehem.Sources: the Bible text itself · Ram · Nahshon · Boaz
- Genealogies in 1 Chronicles often connect families directly to the settlements they established. Descendants of Hezron's son Caleb and his grandson Hur are identified as the fathers or founders of prominent Judean towns such as Bethlehem, Kiriath-jearim, and Madmannah.Sources: the Bible text itself · Caleb · Madmannah
- When Sheshan of the Jerahmeelite branch had no sons, he preserved his household line by marrying his daughter to his Egyptian servant Jarha, whose descendants are recorded across thirteen generations.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Gilead · Today: Gilead 1 · 32.187, 35.692 · verse 22
- Aram · 33.511, 36.306 · verse 23
- Geshur · 32.767, 35.700 · verse 23
- Havvoth-jair · 32.588, 35.726 · verse 23
- Tekoa · Today: Khirbet Teku’a · 31.632, 35.210 · verse 24
- Kiriath-jearim · Today: Deir el Azar · 31.809, 35.104 · verses 50, 52, 53
- Bethlehem · 31.704, 35.208 · verses 51, 54
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org