1 Chronicles 13
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Kiriiyat-Ya'ariim Irraa Saanduqa Gondooro'oo Fidane
1Daawitiin mootichi ajajjoota ifii ta kumaatii fi ta dhibbaa, sooreyyii ifii mara woliin mari'ate. 2Achiin duuba Daawiti gumii Israa'elootaa maraan, «Wonni kun yoo isinitti dansaa fakkaatte, fedhii Mootii Waan Maraa Waaqa keennaalle yoo teete, obboleeyyan teenna ta hatte, worri lafa Israa'elii keessa jiranu, hayyootaa fi Lewwooti qachoota ifii keessaa fi lafa tikaa ta ifii keessa jiranu marti, dhufanee akka nu woliin wolitti qabamanu namoota isaanitti ergina. 3Kowa'a, Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa ta bara mootummaa Saa'olii hin barbaadin, dhandhee fidanna» jedhe. 4Wonni sun marti isaan maratti sirrii teetee waan mudhatteef, kolbaan sun marti tana godhiisaaf wolii galte.
5Maarre Daawiti Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa Kiriiyat-Ya'ariimii fidiisaaf, Israa'eloota laga Shiihorii ka Gibxii keessaatii jalqabee, haga seensuma Haamaatii jiranu mara wolitti qabe. 6Daawitii fi Israa'elooti marti Saanduqa Gondooro'oo ta Waaqa Mootii Waan Maraa ta maqaa isaatiin waamante, ta dada ol-gubba'aa ta koola qaddu lamaan odduu barcuma'aa irra keyante san fidiisaaf, gara qachaa Ba'aalaa, ka Yihudaa keessaa ka «Kiriiyat-Ya'ariimii» jedhamutti ol bayane. 7Isaan Saanduqa Gondooro'oo ta Waaqaa mana Abinaadaabiitii fuudhanee, garreettaa haareya irra keyanee fidane. Uzaanii fi Ahiiyon garreettaa harkifamu san oofane. 8Daawitii fi Israa'elooti marti hunna ifii maraan Waaqa duratti weeddu'uun, kiraara guddichaan, maseenqo'oon, dibbe'een, sibiila wolitti dhowamee qoonqoo guddoo dhageessisuu fi tultulla'aan jilifatane.
9Eeddummee Kiidonii yennaa geyane qotiyyooti garreettaa harkittu waan gufatteef, Uzaan Saanduqa Gondooro'oo san qabiisaaf itti hiixate. 10Uzaan Saanduqa Gondooro'oo san harka ifiitiin waan tuqeef, Mootiin Waan Maraa isatti aaree isa dhowe. Maarre inni achuma Waaqa duratti du'e. 11Aariin Mootii Waan Maraa waan Uzaa cassiteef, Daawiti aare. Addeen sun haga adhaatitti «Pherez-Uzaa» jedhanti.
12Daawiti gaafasii jalqabee Waaqa sodaatee, «Ani attamiin Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa tana fudhadhee galuu dande'a ree?» jedhe. 13Tanaaf, Daawiti Saanduqa Gondooro'oo san gara qachaa ifii fudhatee galiisa lakkisee, gara mana Obed-Edoomii nama qachaa Gaatii geesse. 14Saanduqi Gondooro'oo ta Waaqaa, ji'a sad maatii Obed-Edoomii woliin mana isaa keessa turte. Mootiin Waan Maraalle maatii Obed-Edoomiitii fi waan inni qabu mara eebbise.

Did you know?
The Attempt to Move the Ark
- The Ark of the Covenant had rested at the home of Abinadab in Kiriath-jearim (also known as Baalah) since its return from Philistine territory. David convened leaders and assembled Israelites from Shihor at the border of Egypt to Lebo-hamath in the north to bring the Ark to Jerusalem.Sources: the Bible text itself · Abinadab · Baalah
- Abinadab's sons, Uzzah and Ahio, guided the new ox cart transporting the Ark, with Ahio walking ahead. When the oxen stumbled at the threshing floor of Chidon, Uzzah reached out to steady the Ark and died there, prompting David to name the site Perez-uzzah.Sources: the Bible text itself · Uzzah · Ahio · Perez-uzza
- After Uzzah's sudden death, David feared proceeding to the City of David and diverted the Ark to the house of Obed-edom the Gittite. It remained there for three months, during which time his household and possessions were blessed.Sources: the Bible text itself · Uzzah
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Egypt · 30.129, 31.308 · verse 5
- Kiriath-jearim · Today: Deir el Azar · 31.809, 35.104 · verses 5, 6
- Baalah · Today: Deir el Azar · 31.809, 35.104 · verse 6
- Perez-uzzah · Today: within 1 km of Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 11
- City of David · 31.774, 35.236 · verse 13
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org